Sirna daldala beelladootaa ammayyeessuun fayyadamummaa horsiisee bultootaa guddisuuf…
Finfinnee Amajjii 22, 2018(FMC) – Sirna daldalaa beellaootaa ammayyeessuun fayyadamummaa horsiisee bultootaa guddisuuf hojjetamaa jira jedhan Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahun Goofee.
Ministirichi godina Kibba Oomoo aanaa Bannaatsamaay magaalaa” Qay Afaritti” ijaarsa giddugala gabaa beelladootaa eegalchiisaniiru.
Dooktar Kaasaahun wayita kana akka dubbatanitti, ijaarsi kun qaama imala tarsiimoo cabiinsa bu’uuraalee misooma gabaa suphuufi naannawa daldalaa hanga caasaa sadarkaa gadiitti ammayyeessuu ti.
Sirna daldalaa beelladotaa ammayyeessuun horsiisee bulaan oomisha isaa irraa gatii isaaf malu akka argatuu fi daldalli alaa biyyattii galii akka argatuuf humna guddaa akka uumu dubbataniiru.
Baasiin ijaarsa giddu gala gabaa beelladootaa sadarkaa lammaffaa Qay Afariif barbaachisus deggersa faayinaansii Baankii Addunyaa ”Drive Project” jedhamuun akka kaffalamu ibsameera.
Ministeerichi Mooyaalee Biqqaatti ijaarsa walfakkaataa kan eegalchiise yoo ta’u, pirojeektonni akkanaa Dagahaabur, Samaraa fi Eelbikootti ijaaraman xumuramaa jiraachuun himameera.
Malaakuu Gaddifiin
#Oromia #Ethiopia