Fana: At a Speed of Life!

Sirna faayinaansii diijitaalaa cimsuuf hojjetamaa jira- Baankii Biyyaalessaa

Finfinnee, Hagayya 8, 2017(FMC)- Sirna faayinaansii diijitaalaa lammii hunda biraan gahuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan Bulchaan Baankii Biyyaalessaa obbo Maammoo Mihiratuun.

Yaa’iin Beekumsaa 3ffaan mata duree “ Kalaqoota Hubannoo Nam-tolchee Fayyadamuun Damee Faayinaansiif Gabaa Haaraa Uumuu” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Obbo Maammoo Mihiratuun yaa’icharratti akka jedhanitti, sirna faayinaansii diijitaalessuun lammiin hundi dhiyeessii faayinaansii akka argatuuf qindoominaan hojjetamaa jira.

Hubannoon nam-tolchee odeeffannoo qindeessuufi sirna faayinaansii diijitaalaa amansiisaa uumuu dandeessisa jedhan.

Dandeettii damichaafi dhiyeessii faayinaansii dijitaalaa guddisuun lammiileef faayinaansii amanamaa fi si’ataa waliingahuuf hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Itiyoophiyaatti Hogganaan Faawundeeshinii Maastar Kaardi Maftiihee Taaddasaa gamasaaniin, sirna faayinaansii diijitaalaa guddisuun dargaggoota gahoomsuufi kalaqa jajjabeessuuf akka gargaaru ibsaniiru.

Immaammatawwan Itiyoophiyaan fooyyessaa jirtu guddina faayinaansii diijitaalaaf carraa gaarii banuu kan ibsan ammoo Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Dhaabbata “Faayinaanshiyaal Teeknooloojii Kiffiyyaa” Muniir Duuriiti.

Zaman Bayyanaatu Gabase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.