Sirni araaraa aadaa uwwisa haqaa guddisaa jira – Haannaa Ar’aayasillaasee
Finfinnee, Waxabajii 17, 2017(FMC) – Sirni araaraa aadaa uwwisa haqaa guddisaa jira jedhan Ministirri Haqaa Haannaa Ar’aayasillaaseen.
Mala rakkoo hiikuu aadaa sirna haqaa Itiyoophoyaa keessatti hammachiisuuf tarkaanfilee fudhatamuu qaban irratti mareen xiyyyeeffate geggeeffamaa jira.
Haannaa Ar’aayasillaaseen yeroo kana akka dubbatanitti, baroota darban keessa waldhabdeewwan adda addaa sirna araaraa aadaan furamaa turaniiru.
Sirnoonni rakkoo furuu aadaa hawaasichi barootaaf itti fayyadamaa ture beekamtii seeraa akka argataniif, akka jajjabeeffamanii fi babal’ataniif hojjetamaa jiras jedhan.
Mootummaan karoora tiraansfoormeeshinii haqaa keessatti dhaabbileen haqaa hawaasaa akka babal’ataniif beekamtii kennaa akka jirus dubbatan.
Sirni araaraa addaan uwwisa haqaa guddisaa akka jiru kaasanii, kunis waldhabdee uummata gidduutti uumamu furaa akka jiru hubachiisaniiru.
Hojiiwwan sirnoota araaraa aadaa guddisuu danada’an fuulduraaf xiyyeeffannoon akka hoojjetamanis kaasuu isaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: https://www.facebook.com/FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.