Fana: At a Speed of Life!

Sirni Awwalchaa Gaazexxeessaa duraanii Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinii Taarikuu Olaanaa rawwatame

Finfinnee, Guraandhala 6, 2018(FMC) – Sirni Awwalchaa Gaazexxeessaa duraanii Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinii Taarikuu Olaanaa Bataskaana Qacanee Madaanaalamiitti rawwatameera.

Gaazexeessaa Taarikuun hundeeffama Raadiyoo Faanaa irraa eegalee sagantaa Raadiyoo Faanaa Afaan Oromoon waggoota dheeraaf tajaajilaniiru.

Keessattuu qophii jaalatamaa ‘Faana Afaan Oromoo’ jedhu qopheessuun dhaggeeffattoota biratti jaalatamaa turan.

Damee Miidiyaan aadaa fi afaan ummata Oromoo guddisuu keessatti gahee olaanaa bahataniiru.

Gaazexxeessaa Taarikuun Abbaa Ijoollee lamaa turan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.