Fana: At a Speed of Life!

Sirni baniinsa tapha Guutuu Itiyoophiyaa 6ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2017 (FMC) – Sirni baniinsa tapha Guutuu Itiyoophiyaa marsaa 6ffaan magaalaa Jimmaa Istaadiyemii Yuunivarsiitii Jimmatti gaggeeffamaa jira.

Sagantichi bakka hoggantoonni olaanoon mootummaa Federaalaa fi naannoolee, qooda fudhattoonnifi keessummoonni garaagaraa argamanitti gaggeeffamaa jira.

Ispoorteessitoonnifi ogeeyyiin kuma 5 caalaan kan naannoolee 12fi Bulchiinsa magaalotaa 2 irraa dhufan dorgommicharratti  akka hirmaatan ragaan ni mul’isa.

Taphni guutuu Itiyoophiyaa marsaa 6ffaan kun har’aa eegalee guyyoottan kurnan itti aananiif gosoota Ispoortii 26 wal dorgomsiisaa tura.

Dorgommichi mata duree “Ispoortii Gootummaa Gamtooma Itiyoophiyaaf!” jedhuun dorgomama.

Siifan Magarsaatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.