Sirni barnootaa haaraan dhimmoota Hidha Haaromsaa ilaallatan hammateera – Ministeera Barnootaa
Finfinnee, Fulbaana 20, 2018 (FMC) – Sirni barnootaa haaraan dhimmoota Hidha Haaromsaa ilaallatan boqonnaalee hedduu hammateera jedhe Ministeerri Barnootaa.
Eebbifamuun hidhichaa barnoonni seenaa seennessa siyaasaarraa gara qabiyyee hawaas diinagdeetti akka jijjiiramu taasiseera jedhan Ministeerichatti dursaan garee Gabbisa Sirna Barnoota Saayinsii Hawaasummaa Umar Imaam.
Sirni barnootaa haaraan dhimmoota hidha haaromsaa ilaallatan hedduu of keessatti hammachuu dubbatan.
Haalli waliigalaa Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa sirna Barnootaa keessatti hammatamuun birmadummaa mirkaneessuun jaalala biyyaa cimsa jedhan.
Dhaloota tokkummaa sabdaneessaa ijaaruu keessatti qooda olaanaa qabaachuu eeran.
Tsaggaayee Nigustu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.