Fana: At a Speed of Life!

Sirni Daldalaa Biyyoota Karra Galaanaa hin qabne daangeessu Fooyya’uu qaba- Antooniyoo Gutareez

Finfinnee, Adoolessa 29, 2017 (FMC )- Barreessaa Olaanaan Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez Sirni Daldalaa addunyaa hirmaannaa biyyoota karra Galaanaa hin qabne daangessu fooyya’uu qaba jedhan.

Yaa’ii 3ffaan Mootummoota Gamtoomanii biyyoota guddachaa jiraniifi Karra Galaanaa hin qabnee Turkimeenistaanitti gaggeeffamaa jira .

Antooniyoo Guutareez wayita kanatti, Ardiilee garaagaraatti biyyoonni guddachaa jiran 30 karra Galaanaa kan qabne rakkoolee diinagdee heddu keessummeessaa jiru jedhan.

Karra galaanaa qabachuu dhiisuun sochiilee daldalaa keessatti qoqqobbii kaa’uu hin qabu kan jedhan Antooniyoo Gutareez, Biyyoonni karra Galaanaa hin qabne baasii geejjibaa olaanaaf kan saaxilamanii fi daldalaa addunyaa keessatti sirnaan akka hin hirmanneef daangeeffamni taasifame akka ka’u hubachiisaniiru.

Biyyoonni kunneen ummataa Addunyaarraa %7 kan qabatan ta’uu eeruun, haa ta’u malee sababa daangaan hirmaannaan daldala Addunyaa keessatti qaban %1 hin caalu jedhan.

Antooniyoo Gutareez haasawa isaaniin, sirna daldalaa madaala isaa hin eegne kun addunyaa har’aa fi dhugaa jiru waliin kan hin madaallee fi dhala sirna gita bittaatti jechuun qeeqaniiru.

Kaayyoon yaa’ichaa fayyadamummaa haqa qabeessa mirkaneessuu fi sirna daldalaa foyyeessuu, akkasumas carraa misoomuu biyyoota karra Galaanaa hin qabnee irra daangaan akka kaa’uuf ta’uu dubbataniiru.

Yaa’icharratti Jilli Ministira Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen durfamu hirmaachaa jira.

Hayilamaariyaam Taganyitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok:https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.