Sirni Korma Dagaagaa Qaluu guyyaa har’aa raawwatame
Finfinnee, Caamsaa 14, 2017 (FMC) – Sirni Korma Dagaagaa Qaluu guyyaa har’aa raawwatameera.
Tibba darbe Tuulamni Sadeen Waxabajjii 12 gara Odaa Nabeetti godaanuuf labsatee ture .
Tuulama Sadeen keessaa immoo Jahan Jiillee isa tokko.
Jahan Jiillee gara godaansatti osoo hin imalin dura sirna Dagaagaa Qaluu yookiin Korma Dagaagaa Qaluu raawwata.
Sirni dagaaga Qaluu ykn Korma Dagaagaa Qaluu guyyaa dheengaddaa irraa eegalee godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaa Ganda Baqalee Girriisaa, Ardaa Jila Odaa Tuutaatti raawwatamaa jira.
Jilli abbootii bokkuu Muudanaa ykn Michillee Ardaa jilaa Odaa Tuutaatti qubatee bule.
Guyyaa kaleessaa immoo Sirna Fooqa dhaabuutu gaggeeffame.
Fooqa kana irratti muka Birbiirsaatu dhaabbame.
Birbirsa kana warra miseensa Gadaa Michillee ykn Muudanaatu dhaabe.
Osoo hin dhaabamin dura Hayyichi Gadaa Meelbaa Abbaa Bokkuu Odaa Bullii fi Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa Aannanii fi Dammaa dhibaafachuun lafa erga dongooranii booda miseensi Gadaa Muudanaa ykn Michillee Birbirsa kana dhaabbate.
Odaan Tuutaa lafa Ardaa Jilaa fi lafa ulfoo ta’u Meelbaan halangee shananiin seera tumeefii jira.
Sirni Korma Dagaagaa Qaluu kun har’as kan itti fufe yeroo ta’u guyyaa har’aa sirna korma Qaluutu raawwatame.
Sirni korma Dagaagaa qaluun kun hayyuu ykn Abbaa Bookkuu Yaa’ii Gadaa Michillee Malkatoo Bantii Bobbeetin gaggeeffame.
Sirni kun warra Gadaa Roobaleetiin tikfamee hanga Sanbataatti turaa jedhameera.
Dagamaawii Daksisaatu gabaase.
#Oromia # Ethiopia