Fana: At a Speed of Life!

Sirni waraqaa eenyummaa diijitaalaa hirmaannaa dubartootaa guddisuuf gahee olaanaa qaba

Finfinnee, Hagayya 4, 2017(FMC)- Sagantaan Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa, sirni waraqaa eenyummaa diijitaalaa hirmaannaa hawaasummaafi diinagdee dubartootaa guddisuuf gahee olaanaa qaba jedhe.

Hoggantuun Kutaa Seeraafi Imaammataa sagantichaa Gabreelaa Abrahaam walttajjii hoggantoota dubartootaa irratti akka jedhanitti, tattaaffiin Diijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuu hirmaannaa dubartootaa malee bu’aa qabeessa ta’uu hin danda’u.

Ce’umsa diijitaalaaf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu eeranii, waraqaan eenyummaa diijitaalaa guddina biyyaafi kenniinsa tajaajilaa saffisiisuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu himaniiru.

Ce’umsi diijitaalaa akka dhugoomuufis haala mijataa kan uumu ta’uu ibsuun, lammiileen miiliyoonni 21 ol waraqaa diijitaalaaf galmaa’uu, kanneen keessaas %40 dubartoota ta’uu eeraniiru.

Hirmaannaa dubartootaa kana caalaatti guddisuun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru.

Hoggantoonni olaanoon dubartootaa, dubartoonni waraqaa diijitaalaa irratti hubannoo gahaa qabaatanii fayyadamummaa hawaasummaafi diinagdee isaanii akka mirkaneeffataniif hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.