Soddaa fi safuu Booranaatti…
Finfinnee, Fulbaana 8, 2018 (FMC) – Oromoo Booranaa biratti ilmi fuudhe tokko umurii isaa guutuu soddaa (Amaatii) isaa safeeffachuun irraa baqachaa jiraachuun dirqama aadaati jedhan.
Oromooon duudhaalee aadaa boonsaa jiruu hawaasa-dinagdee ittiin geggeeffatu danuu akka qabu ni beekama.
Duudhaalee aadaa kanneen keessaa ammoo kan fuudhaa fi heerumaan walqabatan hedduun jiru.
Ilmi ga’e tokko fuudhuun, erga fuudhee ammoo soddootii isaa kabajuun waliin jraachuun duudhaa uummata Oromoo biratti beekamuu dha.
Kanaan walqabatee uummata Booranaa biratti kan baratame ammoo kaan irraa xiqqoo garaagarummaa waan qabu fakkata.
Boorana biratti ilmi fuudhe tokko haadha hadha-warraa isaa ykn soddaa (iddoo kaanitti amaatiis jedhama) isaan guyyaa fuudhe irraa kaasee umurii isaa guutuu harkaan dubbisuu, fuulleen itti dhaquu, ija keessa ilaalee waliin haasa’uu ykn dubbachuu hin danada’u.
Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaatti dursaan garee sona aadaa Bonayyaa Diidoo Faanaa Dijiitaalitti akka himanitti, kun qaama sirna Gadaa irraa kan maddu safuu, ceeraa fi fokkoo hawaasichaa ti.
Yoo walitti siqanii akka argan waliin jiraatan, waliin haasa’an kabaja soddaa fi ilma gidduu jiru balleessuu dha.
Kun safuudha, kabaja waldhowachuutti lakkaa’ama.
Namni kun kan soddaan deesse waan fuudheef, soddaan foon ishee kuttee akka waan kenniteetti waan lakkaa’amuuf, abbaan warraa fi haati warraa ammoo qaama tokko waan ta’aniif, soddaa irraa hanqachuu dhabuun kabaja wal dhorkachuu dha.
Jiruu fi jireenya guyyuu keessattillee akka carraa ta’e daandii irratti yoo walitti dhufan karaa waliif hilu, walirraa baqatu.
Nagaas kan walgaafatan utuu ijaan wal hin ilaalin sagaleen qofaadhaan.
Aaddaan kun akka tasaa ta’e abbaan warraa fi haati warraa yoo walitti bu’anii haatiwarraa gara maatii deemtellee walkabajuu fi walsafeeffachuun deebisee araarfachuuf kan gargaaruudha jedhameera.
Ceeraa fi fokkoo sirna Gadaa irraa maddu keessaa tokko kan ta’e duudhaa kana dhalootni haaraan akka beekuuf, akka kabajuuf, dhalootaa dhalootatti akka darbuuf hojjetamaa jiraachuu obbo Bonayyaan eeraniiru.
Yoonaataan Biraanuutiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.