Fana: At a Speed of Life!

Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu bu’a qabeessummaa indaastiriiwwanii mirkaneessaa jira- Obbo Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Onkoloolessa 13, 2018(FMC)- sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu bu’a qabeessummaa indaastiriiwwanii mirkaneessaa jira jedhan Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasaa Caafoon.

Hoggantoonniifi miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastiriitti Zoonii Diinagdee Addaa Boolee Lammii daawwataniiru.

Obbo Taaggasaa Caafoon wayita kana kaayyoon daawwannichaa sosochii hojii fi sadarkaa indaastiriiwwan kunneen irra jiran daawwachuuf ta’uu ibsan.

Rakkoolee damichaa furuuf kan eegalame sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu bu’a qabeessummaa indaastiriiwwanii mirkaneessaa akka jiru eeraniiru.

Dameen oomishaa baasii sharafa alaa hambisuun fi carraa hojii bal’aa uumuun diinagdee keessatti qooda olaanaa bahachaa jiraachuus ibsaniiru.

Hojiilee guddina damichaa mirkaneessuuf eegalaman cimsuun barbaachisaa ta’uu kaasanii, manni marichaa deeggarsa barbaachisaa akka taasisu mirkaneessaniiru.

Hoggantoonniifi miseensonni mana marichaa sosochii hojii dhaabbata ‘AMG Hooldiingis’ daawwachuunis eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.