Fana: At a Speed of Life!

Taanzaaniyaan biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne buufata Daaresalaam akka fayyadamaniif kutannoo qaba jette

Finfinnee, Hagayya 4, 2017(FMC)- Taanzaaniyaan biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne buufata Daareselaam akka fayyadamaniif kutannoo qabaachuu ibsite.

Biyyattiin biyyoonni kunneen buufaticha akka fayyadamaniif hojiilee garaagaraa hojjechaa jiraachuus ibsiteetti.

Akka fakkeenyaattis hojiileen ijaarsa bu’uuraalee misoomaa dandeettii buufatichaa guddisuu danda’an hojjetamaa jiraachuu eerte.

Hojiin kunis hariiroo gama maraa biyyoota Baha Afrikaa cimsuu akka danda’u itti amanameera.

Taanzaaniyaan yaada kana kan dhiyeessite naannawichatti biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne ulaa galaanaa fayyadamuuf wayita fedhii guddaa agarsiisanitti.

Tattaaffii Itiyoophiyaafi Ugaandaan ulaa galaanaa argachuun diinagdee isaanii guddisuuf taasisan kan jajjabeeffamu ta’uus hubachiisteetti.

Qajeeltoowwan fayyadamummaa ulaa galaanaa idil-addunyaa biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne ulaa galaanaatti akka fayyadamaniif kan deeggaran ta’us dhimmichi sababoota garaagaraan hojiirra ooluu dhabuun dhiibbaa geessisaa jira.

Abeel Niwaayiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.