Tajaajila loojistiksii sadarkaa isaa eeggateef sirna baaburaa ammayyaa’aa dhugoomsuun barbaachisaadha- Ministeericha
Finfinnee, Onkoloolessa 11, 2018 (FMC) – Ministeerri Geejjibaafi Loojistiksii Itiyoophiyaan tajaajila loojistiksii sadarkaa idil-addunyaa eeggate akka qabaattuuf sirna baaburaa ammayyaa’aa dhugoomsuun barbaachisaadha jedhe.
Yaa’iin Biiznasii Baaburaafi Invastimantii Biyyaalessaa Korporeeshinii Daandii Baaburaa Itiyoophiyaan qophaa’e gaggeeffamaa jira.
Ministir Deetaan Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Dheengee Boruu wayita kana loojistiksiin biyya gara fuulduraatti tarkaanfachiisuufi diinagdee waaraa ijaaruuf bu’uura jedhan.
Baaburri baasii kan qusatu qofa osoo hin taane indaastiriiwwan walitti hidhuun dandeettii isaanii guddisuuf gahee qabaachuu kaasanii, Itiyoophiyaan tajaajila loojistiksii sadarkaa idil-addunyaa eeggate akka qabaattuuf sirna baaburaa ammayyaa’aa dhugoomsuun barbaachisaa ta’uu hubachiisan.
Abbootiin qabeenyaa damee kanarratti akka bobba’aniif haalli mijataan uumamuus ibsaniiru.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Korporeeshinii Daandii Baaburaa Itiyoophiyaa Injinar Hilliinaa Balaachoo gama isaaniin, damicha guddisuuf hojiileen bu’uuraalee misoomaa sadarkaa idil-addunyaa eeggatan guutuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Sadarkaa biyaalessaatti bu’uuraalee misoomaa baaburaa indaastiriiwwan walitti fidan ijaaruun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama: t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: https://www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.