Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila mana qopheessarraa Birrii biiliyoonni 76 ol walitti qabame

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2017 (FMC) – Bara baajataa kana tajaajila mana qopheessarraa Birrii biiliyoonni 76 ol walitti qabameera jedhe Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa.

Ministeerichi raawwii karoora bara 2017 fi karoora bara 2018 gamaaggamaa jira.

Rakkoolee walxaxaa keessatti damicha haala fooyya’aan dursuun hojiilee hojjetameen bu’aa qabatamaan argamuu Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa aadde Caaltuu Saaniin gamaaggamicharratti kaasaniiru.

Bara baajatichaa Daandiin Kiiloo Meetirri kumni 100 fi kumni 75 fi 879 hojjetamuu fi magaaloota 220 keessatti sadarkaa tajaajila mana qopheessaa hojiirra oolchuun danda’ameera jedhan.

Tajaajila Mana qopheessarraa Birrii biiliyoonni 76.3 argamuu himaniiru.

Qabiyyeen lafaa kaareen kumni 400 fi kumni 99 fi 75 sirna Kaadaasteraan galmaa’uu kaasan.

Beezaawiit Kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.