Tajaajila si’ataa kennuuf hojimaata haaraa qabannee dhufneerra – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Finfinnee, Qaammee 5, 2017(FMC) – Waggaa haaraatti tajaajila si’ataa deddeebii hawaasaa hir’isu qabannee dhufneerra jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad guyyaa har’aa Tajaajila Giddugala Tokkoo Addis-Masoob hojii eegalchiisuu isaanii Aadde Adaanech Abeebeen ibsaniiru.
Tajaajilli iddoo tokkoo kun kennaa haaraa jala bultii bara haaraa irratti uummata magaalaa Finfinneef kan kenname ta’uu himaniiru.
Dhaabbile 13 keessatti tajaajilawwan 107 kan kennu giddugalli Masoob deddeebii uummataa hir’isuun tajaajila saffisaa dhiyeessuu kan dandeessisuudha.
Bara haaraatti jabinaa fi cichoomina guddaan tajaajiluuf qophoofneerra jechuu isaaniis Biiroon Kominikeeshinii Magaalichaa Faanaa Dijiitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.