Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila waraqaarraa bilisaa dhamaatii qaamolee haqaa fi abbootii dhimmaa hir’ise

Finfinnee, Sadaasa 28, 2018(FMC) – Manni Murtii Olaanaa Godina Arsii tajaajila waraqaarraa bilisaa hojiirra oolchuun kenna tajaajila si’ataafi qaqabamaa taasisuuf hojjechaan jira jedhe.

Manni Murtichaa tekinooloojii ammayyaa kenna tajaajilaa waraqaarraa bilisaa “Smart Media lab” jedhamu qarshii miliyoona 1.6 oliin bituun tajaajila eegalchisuu pirezidaantiin Mana Murtichaa Galaanaa Tarreessaa Faanaa Miidiyaa Korpooreeshinitti himaniiru.

Manni murtichaa tajaajila si’ataa, qaqabamaa fi qulqullina qabu gama teeknoloojiin deeggarame hojiirra oolchuun dadhabbiifi ifaajee abbaa dhimmaafi abbootii seeraa dhabamsiisuuf karaa E-filing(Ergaa halaalaa), dhaga’a halaalaa( video conference) fi “Smart Media Lab” fayyadamuun tajaajila kennaa jiraachuu himan.

Tajaajila kanaan Yeroo dheeraa fudhachuun uummata keessummeessuu fi waraqaan tajaajila kennuuf dirqamaa kan turan, ammatti ganduma jiranitti akka tajaajilamanii fi warqaafi humna namaa qisaasa’uu irraa hambisuun akka danda’ame dubbatan.

Teekinoolojjii kenneen fayyadamuun, rakkawwoon garaa garaa manneen murtiitin muudataa ture hiikuu fi qulqullinaafi saffisa guddaan abbootii dhimmaa karaa waraqaarraa bilisaa ta’een tajaajiluu dandeessiseera jedhan.

Teekinoolojjii “smart media lab “ jedhamu kanaan baatiiwwan sadii keessatti, namoonni kuma Sadii ol tajaajila argachuu himan.

Aanaalee godinichaa shan irratti meeshaa smart media lab galchuuf qophaa’aa jiraachuus ibsan.

Tekinooloojii kana Manneen Murtii keessatti guutummaatti hojiirra oolchuun dhibbaa hojii abbootii seeraa irra turee fi dhamaatii abbootii dhimmaa hundeerraa akka hiiku kaasaniiru.

Faxxanaa Zawudeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.