Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilawwan damee fayyaa dijiitaalessuuf hojjetamaa jira – Dooktar Maqdas Dhaabaa

Finfinnee, Fulbaana 8, 2018 (FMC) – Tajaajilawwan damee fayyaa dijiitalessuuf hojjetamaa jira jedhan Ministirri Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa.

Itiyoo teelekoom fi Tajaajilli Dhiyeessaa Qorichaa Itiyoophiyaa furmaata cancala dhiyeessii qorichaa dijiitaalawaa tolchuuf waliigaltee mallatteessaniru.

Sirnicha irratti kan argaman Dooktar Maqdas Dhaabaan akka jedhanitti, waliigaltichi rakkoo dhiyeessii qorichaan walqabatee hawaasa mudatu furuuf kan dandeessisuu dha.

Hawaasaaf tajajjila si’ataa amanamummaan dhiyeessuu akka dandeessisus dubbatanii, tajaajilawwan fayyaa dijiitaalessuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu ibsan.

Dhiyeessii qorichaa qofa osoo hintaane tajaajilli Dhaabbileen Fayyaa kennan yeroo walin akka deemuuf itti fufiinsaan akka hojjetamus himaniiru.

Daayireektarri Olaanaan Tajaajila Dhiyeessii Qorichaa Itiyoophiyaa Dooktar Abdulqaadir Galgaloon gama isaaniin, waliigaltichi guutummaa biyyattiitti wayita qorichi geejjibamu karaa qaqqabannaa harkaarraa bilisa ta’een akka geejjibamuuf kan gargaaruudha jedhan.

Sirni haaraan hojiirra ooluuf jiru kun hojimaata Tajaajila Dhiyeessaa Qorichaa akka ariifachiisu kan dubbatan ammoo ogeessa olaanaa Furmaata Interpiraayizii Itiyoo teelekoom obbo Yohaannis Geetaahun.

Qiddisti Biraanuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.