Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilichi balaa sigiga lafaa Godina Gaamootti mudate ilaalchisee ibsa gaddaa baase

Finfinnee, Bitootessa 3, 2018 (FMC)- Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa balaa sigiga lafaa Naannoo Kibbaa Itiyoophiyaa Godina Gaamoo aanaa Gaacoo Baabbaatti mudate ilaalchisee ibsa gaddaa baaseera.

Tajaajilichi balichaan lubbuu namaa darbeefi miidhaa qaqqabetti gaddi guddaan itti dhagahamuu ibseera.

Balaa Kanaan lubbuun namoota 52 akka darbe mirkanaa’uufi mootummaan maatii, firoottan, Godina Gaamoofi uummata naannichaa maraaf jajjabina hawwa jedhe.

Yeroo ammaa hoggantoonni mootummaa federaalaafi naannoo olaanoon iddoo balichi mudatetti argamuun lammiilee miidhaman jajjabeessaafi hojiilee deeggarsaa itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu akkasumas lammiilee balichaan qe’ee isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsi meeshaalee barbaachisaniifi nyaataa hatattamaan akka gahuuf naannichaafi Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Federaalaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibseera.

Mootummaan deeggarsa yeroo qofa osoo hin taane miidhamtoota gara jireenya isaanii duraatti deebisuufi waaraan dandamachiisuuf xiyyeeffannoo addaan kan hojjetu ta’uufi balaan dabalataa akka hin mudanne ittisuufis hawaasa iddoowwan naannawaa balaa jedhamuun adda bahanitti argaman kaasuufi gara iddoo amansiisaatti geessuuf qindoominaan hojjetamaa jira jedhe.

Haalli roobaa yeroo ammaa jiru balaa walfakkaataa qaqqabsiisuu waan danda’uuf lammiileen naannawaa baddaafi sigiga lafaaf saaxilamoo ta’an jiraatan ergaawwaniifi qajeelfamoota of-eeggannoo mootummaan dabarsu hojiirra oolchuun of-eeggannoo barbaachisaa akka godhan waamicha dhiyeesseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.