Tajaajilichi buufataalee chaarjessa Konkolaattoota Elektirikaa hojii eegalchiise
Finfinnee, Bitootessa 19, 2018(FMC) – Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa buufataalee chaarjessa Konkolaattoota Elektirikaa daran saffisoofi ammayyaa’oo ta’an hojii eegalchiiseera.
Buufataaleen kunneen tattaaffii Diinagdee magariisaa guddisuu fi Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf taasifamu keessatti gahee olaanaa qabaachuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Tajaajila Elektirikii Itiyoophiyaa Injinar Geetuu Garramoon dubbataniiru.
Magaalaa Finfinneetti buufataalee 32 fi magaaloota naannoleetti ammoo 8 ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu dubbatan.
Waggoota muraasa keessatti Konkolaattoonni Elektirikaa kumni 100 fi kumni 40 gara hojiitti galuu Ministir Deetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Obbo Barrihoo Hasan eeraniiru.
Dhaabbileen 17 biyya keessatti Konkolaattoota Elektirikaa kurfeessaa jiraachuu kaasan.
Buufataalee Chaarjessa Konkolaattootaa kuma 2 fi 300 ijaaruuf karoorfamuu dubbachuun, Finfinneetti qofa Buufataalee kuma 1 fi 176tu barbaachisa jedhan.
Iyyarusaaleem Abbabaatiin.
#Oromia #Ethiopia