Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli Giddugala tokkoo Masoob Tajaajila lammiileef kannemu ni fooyyessa – obbo Araggaa Kabbadaa

Finfinnee, Fulbaana 18, 2018 (FMC) – Naannaa Amaaraatti tajaajilli giddugala tokkoo Masoob magaalaa Bahiirdaaritti hojii eegaleera.

Pireezidaantii naannichaa obbo Araggaa Kabbadaa, Ministira Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Asaffaa dabalatee hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi naannoolee biroon sagantaa eegalchiisa tajaajilichaarratti argamaniiru.

Giddugalichi dhaabbilee 14 kan of keessatti qabate yoo ta’uu, tajaajiloonni 47 giddugala kanatti kan kennaman ta’uu saganticharratti ibsameera.

Giddugalichi tajaajila Mootummaan lammiileef kennu daran kan fooyyessuudha jedhan Pireezidaantiin naannichaa obbo Araggaa Kabbadaan haasawa sagantaa eegalchiisaarratti taasisaniin.

Mootummaan rakkoolee kenniinsa tajaajila lammiilee mul’atu furuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetaa jiraachuu eeran.

Tajaajilli Giddugala tokkoo Masoob Magaalaa Bahiirdaaritti hojii eegaluu eeruun, magaaloota biroo keessattis hojii eegalchiisuuf hojjetamaa jira jedhan.

Admaasuu Arraaggawutu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.