Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli Tola Ooltummaa Gannaa duudhaa waloon hojjechuu cimse – Pireezidaanti Awwal Aarbaa

Finfinnee, Adoolessa 1, 2017 (FMC) –Tajaajilli Tola Ooltummaa Waqtii Gannaa naannoo Afaaritti hojjetamaa jiru duudhaa waloon hojjechuu cimse jedhan Pireezidaantiin naannichaa Awwal Aarbaan.

Obbo Awwal Aarbaan tajaajila tola ooltummaa gannaa bara kanaa magaalaa Samaraatti manneen lammiilee harka qalleeyyii haaromsuu eegalchiisaniiru.

Bara kana manneen harka qalleeyyii 170 kan haaromu ta’uu eeran.

Kunis duudhaa waloon hojjechuu cimsaa jiraachuu kaasan.

Bara kana dameewwan tola ooltummaa 14′ dargaggoonni kumni 300 ol hojii tolaa ni hojjetu jedhan hogganaan biiroo Dargaggoo, Aadaa fi Ispoortii naannichaa obbo Hamiid Duulaan dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.