Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli Tola Ooltummaa walooma cimsa- Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Hagayya 4, 2017(FMC)-Ministirri Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen hojiin tajaajila tola ooltummaa walooma cimsa jedhan.

Ministeerri Geejjibaafi Loojistiksii fi dhaabbileen waamamtootaa naannoo Somaalee godina Faafanitti hojii tajaajila lammummaa gannaa hojjechaa jiru.

Sagantichaan dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa, hooromsa manneen namoota harka qalleeyyii fi barattoota maatiin isaanii harka qalleeyyiif deeggarsi meeshaalee barnootaa taasifameera.

Dooktar Alamuu Simeen wayita kana akka jedhanitti, Itiyoophiyaanonni ashaaraa magariisaan hojii addunyaa raajeffachiise hojjechaa jiru.

Ministeerichi kutaalee biyyattii garaagaraatti hojiilee rakkoo lammiilee harka qalleeyyii salphisuu danda’an hojjechaa jira jedhan.
Hojiin tajaajila tola ooltummaa walooma kan cimsu ta’uus dubbataniiru.

Tasfaayee Hayiluutu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.