Fana: At a Speed of Life!

Tajaajiloota 347 diijitaalessuun komiiwwan hir’isuun danda’ameera- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee,  Adoolessa 4, 2017 (FMC) – Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti tajaajiloota 347 diijitaalessuun komiiwwan hir’isuun danda’ameera jedhan Kantiibaan bulchiinsa magaalichaa Adaanech Abeebeen.

Manni Maree Magaalaa Finfinnee yaa’ii idilee 4ffaa bara hojii 4ffaa gaggeessuu eegaleera.

Kantiibaa Adaanech Abeebeen gabaasa raawwii karoora bara 2017 bulchiinsa magaalichaa wayita dhiyeessan akka jedhanitti, dhaabbilee keessatti tajaajiloota 247 diijitaalessuun hojimaata badaafi dhamaatii tajaajilamtootaa hambisuun komiiwwan hir’isuun danda’ameera.

Dhaabbilee keessatti naannawaa hojii mijataa uumuuf hojii hojjetameen hojjettoonni mootummaa kuma 2 fi 147 ol bakka tursiisa daa’immaniitti ijoollee isaanii akka kunuunsan taasisuun fayyadamoo ta’aniiru jedhan.

Dabalataanis dhaabbilee keessatti kaafteeriyaawwan 185 tajaajila akka kennan akkasumas suuqiiwwan shammattootaa 150 gara hojiitti galchuun hojjettoonni qaala’iinsa jireenyaa akka dandamataniif haalli mijataan uumamuu kaasaniiru.

Bakka tajaajilmtoonni itti boqotan kuma 21 fi 46 ol qopheessuun dhaabbilee tajaajila kennuuf mijataa ta’an uumuun akka danda’ames eeraniiru.

Hoggantoota, hojjettootaafi tajaajilamtoota gochaa hannaafi hojimaata badaa keessatti hirmaatan kuma 4 fi 965 irratti tarkaanfiin seeraafi bulchiinsaa fudhatamuu ibsaniiru.

Gama nageenyaafi tasgabbiinis hirmaannaa hawaasaa guddisuuf nageenya naannawaafi ijaarasa duudhaalee waloomaafi tumsaa irratti kutaalee hawaasaa miiliyoona 7 fi kuma 900 ol waltajjiiwwan hawaasaa irratti hirmaachisuun akka danda’ame kaasan.

Gurmaa’iinsa raayyaa nageenyaafi kutaalee hawaasaa garaagaraa hirmaachisuun uummata abbaa nagaa taasisuun akka danda’ames dubbataniiru.

Gochawwan yakkaa hir’isuuf qaamolee seera kabachiistota biroo waliin ta’uun  hojiin gochoota yakkaa kuma 11fi 517 adda baasuu, ittisuufi tarkaanfii fudhachuu hojjetamuu hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.