Fana: At a Speed of Life!

Tapha Arsenaal fi Atileetiikoo Maadriid…

Finfinnee, Onkoloolessa11, 2018 (FMC) – Sagantaa Torbee 3ffaa Shaampiyeensi Liigii Awurooppaan har’a galagala taphoonni sagal ni taphatamu.

Taphoota jalqabaa har’aatiin sa’aatii 1:45 irratti Baarsaloonaan Olompiyaakosiin dirree isaa irratti yoo keessummeessu, Kilabni Kaazaakistaan Kaayraat Almaatiin kilaba Qoophiroos Paafoosii waliin ni taphatu.

Galagala sa’aatii 4:00 irratti ammoo taphni Arsenaal dirree isaa irratti Atileetiikoo Maadriidiin keessummeessu eegamaa dha.

Kilaboonni lamaan kanna dura kan waliin taphatan walakkaa xumuraa Liigii Yuurooppaa 2017/18 irratti yoo ta’u, Atileetiikoo Maadriid bu’aa tapha deebii 2fi1’n mo’achuun tapha xumuraaf darbuun kan yaadatamuu dha.

Taphoota ja’a darban kan kilaboota Ispeen waliin taphate Arsenaal tapha har’aa ni mo’atu jedhamee tilmaamameera.

Sa’aatii walfakkaataa 4:00 irratti shaampiyoonaan bara darbee PSG’n dirree isaan alatti Baayer Liivarkuusaniin kan morakatu yoo ta’u, Intarmiilaanis dirree isaan alatti kilaba Beeljiyeem Uniyeen seen Jiilooz waliin ni taphatu.

Viyaariyaal Maanchistar Siitii waliin, PSG Ayindihoovan Naappoolii waliin, Niwuukaasil Yuunaaytid Benefikaa waliin, akkasumas FC Kooppanhaagan Boruushiyaa Doortimuundi waliin sa’aatiima walfakkaataa 4:00 irratti taphoota taphatamanii dha.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.