Tapha darbii Landan har’a Fuulhaamii fi Arsenaal gidduutti taphatamu
Finfinnee, Onkololeessa 8, 2018(FMC) – Piriimeer Liigii Ingilaandi taphoota torbee 8ffaa har’a taphatamaniin falmiin darbii Landan Fuulhaam Arsenaal keessummeessu ni eegama.
Dursaan liigichaa Arsenaal waggoottan lamaan darban Istaadiyeemii Kiraaven Kooteejitti taphoota taphate injifachuu hin dandeenye.
Har’as qormaanni cimaan akka isa eeggatu xinxaaltoonni kubbaa miilaa yaada isaanii kaa’aa jiru.
Kilaboonni lamaan taphoota waliin taphatan 60 keessaa Arsenaal yeroo 39 yoo injifatu, Fuulhaam si’a 8 injifachuun yeroo 13 ammoo qabxii qooddataniiru.
Taphichi har’a galgala sa’aatii 1:30 eegalee taphatama.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.