Tapha Piriimar Liigii Ingilaandiin har’a taphoonni shan ni taphatamu
Finfinnee, Hagayya 10, 2017( FMC)- Tapha Piriimar Liigii Ingilaandi Sagantaa torbee jalqabaan guyyaa har’a taphoonni shan ni taphatamu.
Tapha Piriimar Liigii Ingilaandi sagantaa torbee jalqabaa guyyaa kaleessaa eegalameen har’a guyyaa sa’aatii 8:30 irratti Astoon Viilaan Niwukaasil waliin ni taphata.
Galgala sa’aatii 11:00 irratti Tootanhaam Berniileey waliin, Biraayitan Fuulhaam waliin akkasumas Sandarlaand Weestihaam waliin kan taphatan ta’a.
Galgala sa’aatii 1:30 irratti ammoo taphni Woolvis fi Maanchistar Siitii ni eegama.
Tapha jalqabaa Piriimar Liigii Ingilaandi torbee jalqabaa guyyaa kaleessa taphatameen Liivar Puul Bernimaawuziin goolii 4 fi 2’n injifachuun ni yaadatama.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.