Fana: At a Speed of Life!

Tapha Qillee Salaaleetti…

Finfinnee, Mudde 28, 2018 (FMC) – Taphni Qillee tapha aadaa irra caalaa dargaggootaan taphatamuudha.

Ulee Jirmaan Kubbaa Qillee ija/burii mukaarraa qophaa’een taphatama.

Tapha Jibbaa fi haloo hin qabne, kan xumura waqtii Birraa taphatamuudha.

Tapha miliksoo fi qolannaa gaafadhuudha.

Tapha garee lamatti hiramuun taphatamu, mo’uufi mo’amuunis baayyina galchii lakkaa’ameen murtaa’uudha.

Taphni qillee taphaa aadaa keessaa gosa tokko ta’ee akkuma taphoota biroo garee laman kan taphatamuudha.

Baay’inni taphattoota garee tokkoo dirree keessa taphataanii dargaggoota 9 yoo ta’u, karra eegaa waliin dargaggoota 10 qabaata.

Taphni aadaa kun gammachuu namaaf laachuurra darbee sammuun namaa akka qaramaa deemu taasisa.

Dirree namoonni amala gaarii, obsa, tooftaawwan akka miliqqee, fiiguu, qolachuu fi qiyyeeffatanii rukutuun itti horatamuudha.

Tapha mallattoo nageenyaa fi jaalalaa jedhamee beekama.

Tapha yoo miidhaman beenyaa hin gaafanne.

Taphni aadaa kun akkuma kutaalee biyyattii birootti Salaaleettis bifa addaan taphatama.

Dargaggoonni Salaalee Jirma qillee fi kubbaa qillee qopheeffachuun dandeettii qolannaa, mala miliksuu fi kubbaa qabatanii fiiguu kan itti wal madaalaniidha.

Kubbaa fi Jirmi qillee seera of danda’e qaba.

Hookkoon jirmaa Seentimeera 20 kan dheeratu yoo ta’u, uleen ammoo seentimeetara 80 dheerata.

Taphichi yeroo eegalamuu akka aadaa Oromootti eebba Abbootii Gadaatiin eegalama.

‘Waaqni nagaadhaan nuu bulchee nagaadhaan nuu haa olchu
Haama hamaataa nurra haa qabu
Tola nutti haa qabu,
Biyyi keenya nagaa nuuf haa ta’uu
Taphni taphatamuu kan tokkummaa, kan jalaalaa kan michooma nuuf haa ta’uu
Irreen taphaatoota haa jabaatuu
Walii galtee isaaniif haa kennu
Wal bira isaan haa jaalatu’ jechuun abbootiin erga eebbisanii tphatama.
Yeroo tapha jalqabuuf jedhamuu sirba armaan gadii sirbaa jalqabu
‘Hoo hee si dhufuf deemaa
Matarraa of qabii
Hoo hee baga birraan bariyee
gootni wal argee
yoo dhittee ni bariitii
wal qixxee wal qixxee
nama hin si’eessituu
anuu jira jettee nan jajjabessituu…
ceesisa 2ffaa
hoo hee qaciqaciin dhalatee
lubbuun si keessa taphatee
kan sin jedhan beekii
kunoo akkanaa wayyaa
been dhaqne laalla dildilaa salaalee
been dhaqne laalla dildilaa sibiluu
dhirri jiluu
mukukkullii hin bulu yoo waa diban malee
been dhaqne laalla dildilaa salaalee
been dhaqne laalla dildilaa sibiluu…’ jechaa dhiichisaa eegalu.

Taphichi akkaataa duudha fi safuu isaa eegeen taphatama.

Gareen lamanuu waliigalteedhaan haala naamusaa gaarii qabuun taphatu.

Xiqqaa guddaa hunda hirmaachisus akka seeraatti dargaggoota umriin isaanii waggaa 21-24 gidduu jiruun kan taphatamu yoo ta’u, dargaggoota irreen isaanii cimaa ykn jabaa ta’etu taphichaaf filatama.

Kana jechuun sadarkaa dorgommiitti jechuudha.

Dargaggoonni ciccimoon kan filatamaniif yeroo taphichi gaggeeffamuu rakkooleen garagaraa irraa dandamachuu akka danda’aniifi dandeetiin taphaa isaanii akka cimuuf kan gargaaruudha.

Wal loluun, wal iffachuun, wal sakaaluun dhorkaadha.

Gareen mo’ate eebbaa qaba, harka mirgaatiin sangaan qalamee garee mo’ateef eebbiffamee kennama.

Tapha keessatti akka carraa yoo wal rukkutaan haloon hin jiru, wal mufachuu fi waliin hooduun akka Aadaa Oromootti seeraan nama gaafachisa jedhan Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Godina Shawaa kaabaatti Dursaan Garee Misooma Sona Aadaa obbo Katamaa Bahaaruun.

Yeroo taphni xumame haala armaan gadiin sirbama.

‘Biyyaa salaalee weeffanaa/kormatu badaa baasa maqaa mortutifii malee kalessaa galgalaa,
biyyaa salaalee Kaleessaa galgalaa,
Yaa galgalessituu,
Anuu jira jettee nan jajjabessituu…’jechaa sirbama.

Taphni qillee kun guutuu Oromiyaatti taphatama.

Yeroo ammaa kana sadarkaa shaampiyoonaatti qophaa’ee Shaampiyoonaawwan taphoota aadaa keessaa isa tokko ta’ee waggaa waggaan ni gaggeeffama.

Kutaalee Oromiyaa garagaaraatti haalli isaa wal haa darbuu malee taphaan booda garee lamaaniifuu kennaan ni kennama.

Siifan Magarsaatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.