Tapha Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan har’a Intar Miilaan fi Liivarpuul waliin ni taphatu
Finfinnee, Sadaasa 30, 2018 (FMC)- Tapha Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa marsaa 6ffaan har’a galgala Intar Miilaan fi Liivarpuul waliin ni taphatu.
Liivarpuul gara Xaaliyaaniitti imaluun har’a galgala sa’aatii 5:00’tti Intar Miilaan waliin kan taphatu yoo ta’u sa’aatii walfakkaataatti Cheelsiin Atilaantaa waliin morkata.
Liivarpuul taphoota Intar Miilaan waliin taphate 6 keessaa 4 yoo injifatu 2’n injifatameera.
Tapha biroon Baayar Muuniik Ispoortiing Kilab waliin, Kaayaaraat Almaatiin Olompiyaakoos waliin sa’aatii 2:45’tti ni taphatu.
Kana malees taphoonni Baarseloonaan Intiraakt Firaankfart, Moonaakoon Gaalaataasaraay, PSV Ayindihoovan Atileetkoo Maadiriid, Uniiyan Seen Jiiloos Maarsee waliin fi Tootanhaam Hootispar Silaaviyaa Piraag waliin galgala sa’aatii 5:00’tti ni taphatamu.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.