Fana: At a Speed of Life!

Taphni Goobee fi Shinooyyeen akkaataa Aadaa fi Safuu Oromoo ibsuun ta’uu qaba- Abbootii Gadaa

Finfinnee, Hagayya 10, 2017( FMC)- Taphni Goobee fi Shinooyyee akkaataa Aadaa fi Safuu Oromoo ibsuun ta’uu qaba jedhan Abbootiin Gadaafi Haadholiin Siinqee.

Abbootiin Gadaa fi Haadhooliin Siinqee Tapha Goobee fi Shinooyyeerratti ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoolaa wayita kana akka jedhanitti, kabajni Goobeefi Shinooyyee bara kanaa duudhaa fi aadaa Oromoo ganamaa deebisuu irratti kan xiyyeeffatu.

Goobee fi Shinooyyeen naannicha bakkeewwan hundatti bifa garaagaraatiin taphatama.

Taphichi ce’umsa bacaqii gannaafi simannaa barii birraatiif kan tapahatamudha.

Goobeefi Shinooyyee warreen bultii horatan kan hin taphanne ta’uufi dargaggoota umrii waggaa 12-25 qofti kan taphatan ta’uu eeran.

Qeerroofi qarreen ni sirbu, ni dhiichisu, nyaatanii dhuganii eebbifamu.

Jaarsoliifi gaheessonni bultii qaban immoo mana ofiitti simachuun nyaachisanii, obaasanii eebbisu jedhan.

Goobeefi shinooyyeen Aadaa Oromtichaa ganamaaf kan taphatamu ta’uu yaadachiisanii, aadicha daldalaaf oolchuuf yaaluun dhorkaa akka tahe hubachiisaniiru.

Tsahaay Gulummaatu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.