Fana: At a Speed of Life!

Taphni Guutuu Itiyoophiyaa 6ffaan har’a eegala

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2017 (FMC) – Taphni Guutuu Itiyoophiyaa marsaa 6ffaan har’a magaalaa Jimmaa Istaadiyemii Yuunivarsiitii Jimmatti eegala.

Taphni guutuu Itiyoophiyaa marsaa 6ffaan kun har’aa eegalee guyyoottan kurnan itti aananiif gosoota Ispoortii 26 wal dorgomsiisaa tura.

Xomboorri Olompikii magaalaa hawaasaa irraa ka’e guyyaa kaleessaa Magaalaa Jimmaatti sirna hoo’aan simatameera.

Qophicha ilaalchisee guyyaa kaleessaa bakka hoggantoonni mootummaa Federaalaa, naannolee, qooda fudhattoonnii fi keessummoonni waamichi godhameef argamanitti gaggeeffameera.

Indaastirii ispoortii keessatti adda duree ta’anii itti fufuuf of humneessuu, yaada, ilaalchaa fi mala tarkaanfataa barsiisuu fi hojiirra oolchuun barbaachisaadha jedhan Ministir Deetaan Ministeera Aadaa fi Ispoortii obbo Makiyyuu Mahaammad.

Mariin paanaalii kun mata duree “Ispoortii Tokkummaa Itiyoophiyaa fi Jaalala Sabboonummaa’ jedhuun gaggeefame.

Siifan Magarsaatiin.#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.