Fana: At a Speed of Life!

Taphni Liigii Olaanoo Itiyoophiyaa ramaddii ‘A’ bara 2017 xumurame

Finfinnee, Ebla 9, 2017 (FMC)- Taphni Liigii Olaanoo Itiyoophiyaa ramaddii ‘A’ bara 2017 xumurameera.

Tapha Liigii Olaanoo Itiyoophiyaa ramaddii A’tiin kilabni kubbaa miilaa magaalaa Shaggar dursee Shaampiyoonaa kan tahe taphoota 22 irraa qabxi 51 walitti qabatee xumureera.

Bunni Beenchi Maajii ammoo qabxii 35 sadarkaa 2ffaan goolabeera.

Waggoota 4’n booda gara dorgommiitti kan deebi’e kilabni kubbaa miilaa Soolodaa Adawaa qabxii 34 sadarkaa 3ffaan xumureera.

Kilabni kubbaa miilaa magaalaa Amboo, Walqixxee, Injibaaraafi Duraameen ammoo kilaboota gara liigii 1ffaa Itiyoophiyaatti gadi bu’aniidha.

Ramaddii kanarraa sadarkaa 1ffaan kan xumure magaalaan Shaggar bara dhufu Pirimeer liigii Itiyoophiyaa keessatti qooda fudhata.

Dajanuu Gonfaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.