Fana: At a Speed of Life!

Taphni Maanchistar Siitiifi Boornimaawuz ni eegama

Finfinnee, Onkoloolessa 23, 2018 (FMC)- Tapha Piriimer Liigii Ingiliz torbee 10ffaan taphni Maanchister Siitiifi Boornimaawuz har’a taphatan ni eegama.

Maanchister Siitiin taphoota liigichaa sagaliin qabxii 16 walitti qabachuun sadarkaa 8ffaa irra kan jiru yoo ta’u tapha har’a galgala sa’aatii 1:30’tti Istaadiyeemii Itihaaditti taphatamu Kana yoo injifate sadarkaa 2ffaa qabachuu danda’a.

Dorgommii bara Kanaan imala dinqisiisaarra kan jiru Boornimaawuz gama isaan qabxiiwwan 18 walitti qabachuun sadarkaa 2ffaa irratti argama.

Tapha biraan Weesthaam Yuunaayitid sa’aatii 11:00tti Istaadiyeemii Landanitti Niwukaasil Yuunaayitid waliin ni taphatu.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.