Taphni xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa har’a taphatama
Finfinnee, Caamsaa 23, 2017 (FMC) – Taphni xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa har’a PSG fi Intermiilaan gidduutti taphatama.
Tapha xumuraa har’a halkan Istaadiyeemii Aliyaanzi Areenaatti taphatamu kana lammiin Roomaaniyaa Istivaan Koovaaksi abbaa murtee olaanaa ta’uun dursu.
Istivaan Koovaaksi tapha xumuraa Shaampiyoonsi Liigii, Liigii Awurooppaa fi Konfiraansi Liigii abbaa murtee olaanaa ta’un kan dursan nama jalqabaa ta’u.
Intermiilaan yeroo 3 waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa injifateera.
PSGn ammoo hanga ammaatti waancicha injifatee hin beeku.
Kilaboonni lamaam taphoota waliin taphatan 5 keessaa PSGn yeroo 3 yoo injifatu, Intermiilaan yeroo lama injifateera.
PSGn seenaa jalqabaa hojjechuuf, Intermiilaan ammoo yeroo 4ffaaf waancicha injifachuuf falmiin har’a kilaboota lamaan gidduutti taasiifamu hawwiin eegama.