Taphoonni Olompikii dargaggoota Itiyoophiyaa 2ffaan olaantummaa Oromiyaan xumurame
Finfinnee, Onkololeessa 22, 2018 (FMC) – Taphoonni Olompikii dargaggoota Itiyoophiyaa 2ffaan dorgommiin Atileetiksii olaantummaa Oromiyaan xumurameera.
Onkololeessa 19 – 22, 2018tti Akkaadaamii Ispoortii Itiyoophiyaatti gaggeeffamaa kan ture taphoonni Olompikii dargaggoota Itiyoophiyaa 2ffaan har’a kan xumurame yoo ta’u, injifannoo naannoo Oromiyaan xumurame.
Oromiyaan Meedaaliyaa Warqee 19, Meetii 12 fi Nahaasii 10 walitti qabachuun olaantummaan yoo xumuru, Magaalaan Finfinnee Warqee 8, Meetii 9 fi Nahaasii 3’n sadarkaa 2ffaa fi Naannoon Tigraay Warqee 1, Meetii 3 fi Nahaasii 5 walitti qabachuun sadarkaa 3ffaan xumure.
Sagantaan cufiinsaa guyyaa boruu gaggeeffama.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.