Taphoonni Piriimeer Liigii Ingilaand torbee 19ffaan har’a itti fufuun taphatamu
Finfinnee, Mudde 23, 2018 (FMC) – Taphoonni Piriimeer Liigii Ingilaand torbee 19ffaan har’a itti fufuun kan taphataman yoo ta’uu,morkiin Sandarlaandi Maanchiister Siitii waliin taasisu ni eegama.
Halkan sa’aatii 2:30 jalqabee Liiverpuul Liidis Yuunaayitiid, Kiristaal Paalaas ammoo Fuulhaam waliin taphatu.
Akkasuma halkan sa’aatii 5 irraa eegalee Sandarlaandi Maanchiister Siitii waliin morkiin taasiisu ni eegama.
Liigicha keessatti sadarkaa 2ffaa irra kan jiru Maanchistar Siitiin dursaa Liigichaa Arsenaal waliin garaagarummaa qabxii qabu dhiphisuuf falmii guddaa gaggeessaan eegama.
Sandarland bara kana dirree ofiirratti injifatamee hin beeku.
Kilaboonni lamaan taphoota 5 as dhiyeenya waliin taphatan hundi olaantummaa Maanchistar Siitiin xumurame.
Sa’aatii wal fakkaataatti Bireentifoordi Tootenhaam waliin kan taphatu ta’a.
#Oromia #Ethiopia