Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 10ffaan har’aa eegaluun taphatamu

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2018 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 10ffaan morkiin darbii Landan Tootenhaam Cheelsii keessummeessu ni eegama.

Har’a waaree booda sa’aatii 12:00 eegalee taphoonni 5 kan taphataman yoo ta’u, Biraayitan – Liidis Yuunaayitiid, Barnileey – Arsenaal, Kiristaal Paalaas – Bireentifoord, Fuulhaam Woolviis, akkasuma Notiingahaam Forst – Maanchiister Yuunaayitiid waliin falmiin taasisan ni eegama.

Galgala sa’aatii 2:30 eegalee morkiin darbii Landaan Tootenhaam – Cheelsii waliin taasisu xiyyeeffannoo argateera.

Akkasuma halkan sa’aatii 5:00 jalqabee taphni Liiverpuul Astoon Viilaa keessummeessu ni eegama.

Boru waaree booda sa’aatii 11:00 jalqabee Weest Haam – Niwuukaasiil waliin yoo taphatu, galgala sa’aatii 1:30 eegalee Maanchiister Siitiin Boornimaawuuz waliin morkata.

Wiixata halkan sa’aatii 5 :00 irraa jalqabee Sandarlaand – Eevartan waliin taphata.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.