Taphoonni Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 15ffaan har’aa eegaluun taphatamu
Finfinnee, Sadaasa 27, 2018 (FMC) – Taphoonni Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 15ffaan tapha har’a Astoon Viilaan Arsenaal keessummeessuun eegalamu.
Har’a waaree booda sa’aatii 9:30 eegalee Arsenaal dursummaa isaa cimsachuuf, Astoon Viilaan ammoo morkii isaa cimsachuuf falmiin taasisan xiyyeeffannoo argateera.
Kilaboonni lamaan erga bara Faranjootaa 1995 taphoota waliin taphatan 56 keessaa Astoon Viilaan yeroo 10 yoo injifatu, Arsenaal si’a 32 moo’achuun taphoota 14 ammoo qabxii qoodataniiru.
Taphoota bara kanaa hanga ammaatti taphatameen Arsenaal qabxii 33 walitti qabachuun liigicha yoo dursu, Astoon Viilaan qabxii 27’n sadarkaa 3ffaarratti argama.
Galgala sa’aatii 12:00 taphoonni 5 kan taphataman yoo ta’u, Boornimaawuuz – Cheelsii, Eevartan – Notingahaam Forest, Maanchiister Siitii – Sandarlaand, Niwuukaasiil – Barnileey, akkasuma Tootenhaam – Bireentifoordi waliin taphatu.
Galgala sa’aatii 2:30 eegalee morkiin Liidis Yuunaayitiid – Liiverpuul waliin taasisu ni eegama.
Boru waaree booda sa’aatii 11:00 jalqabee Biraayitan Weest Haam waliin yoo morkatu, galgala sa’aatii 1:30 jalqabee Fuulhaam – Kiristaal Paalaas waliin taphata.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.