Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 4ffaan har’aa eegaluun taphatamu

Finfinnee, Fulbaana 3, 2018 (FMC) – Taphoonni Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 4ffaan tapha har’a Arsenaal Nootingahaam Foresti keessummeessuun eegalama.

Har’a taphoonni 8 kan taphataman yoo ta’u, Waaree booda sa’aatii 8:30 eegalee taphni Arsenaal Notiingahaam Foresti waliin taphatu ni eegama.

Kilaboonni lamaan taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 16 keessaa Arsenaal yeroo 10 yoo injifatu, Nootingahaam Forest yeroo 4 injifachuun si’a 2 ammoo qabxii qoodataniiru.

Waaree booda sa’aatii 11:00 eegalee taphoonni 5 kan taphataman yoo ta’u, Boornimaawuuz – Biraayitan, Kiristaal Paalaas – Sandarlaandi, Eevartan – Astoon Viilaa, Fuulhaam – Liidi Yuunaayitiidii fi Niiwuukaasiil – Woolviis waliin morkatu.

Akkasuma halkan sa’aatii 1:30 jalqabee Weesti Haam – Tootenhaam, halkan sa’aatii 4:00 eegalee Bireentifoordi- Cheelsii waliin taphatu.

Boru waaree booda 10:00 jalqabee Barnileey – Liivarpuul waliin yoo taphatu, sa’aatii 12:30 falmiin Maanchiisteer Siitiin – Maachiister Yuunaayitiid waliin taasiisu xiyyeeffannoo argatera.

Taphni Darbii Maanchuuriyaalii kun tapha guddaa torbee 4ffaa si’oominaan eegamuudha.

Morkiin Maanchuuriyaalii yeroo 197ffaaf gaggeeffamu kun Istaadiyeemii Itihaadiitti taphatama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.