Taphoonni Piriimeer liigii Ingiliiz torbee 9ffaan har’aa eegaluun taphatamu
Finfinnee, Onkololeessa 14, 2018 (FMC) – Taphoonni Piriimeer liigii Ingiliiz torbee 9ffaan tapha har’a Liidis Yuunaayitiid Weest Haam keessummeessuun eegalamu.
Har’a halkan sa’aatii 4:00 irraa eegalee Liidis Yuunaayitiid Weest Haam waliin taphata.
Boru waaree booda sa’aatii 11:00 eegalee Cheelsiin – Sandarlaandi, Niwuukaasiil ammoo Fuulhaam waliin taphatu.
Galgala sa’aatii 1:30 jalqabee taphni Maanchiister Yuunaayitiid Biraayitan keessummeessuu ni eegama.
Akkasuma halkan sa’aatii 4:00 jalqabee falmiin Bireentifoordi Liiverpuul waliin godhu xiyyeeffannoo argateera.
Dilbata waaree booda sa’aatii 11:00 eegalee taphoonni 4 kan taphataman yoo ta’uu, Arsenaal – Kiristaal Paalaas, Astoon Viilaan- Maachiister Siitii, Boornimaawuuz – Notiingihaam Forset, akkasuma Woolviis – Barnileey waliin taphatu.
Galgala sa’aatii 1:30 jalqabee Evartan – Tootenhaam waliin morkata.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.