Taphoota deebii moo’anii darbuu Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa…
Finfinnee, Guraandhala 17, 2018 (FMC) – Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan har’a taphoonni deebii moo’anii darbuu 4 ni taphatamu.
Har’a halkan sa’aatii 2:45 eegalee Atileetikoo Maadriid Kilab Biruuj waliin taphata.
Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaan galchii 3 qixa bahuun kan yaadatmuudha.
Halkan sa’aatii 5:00 jalqabee Intermiilaan Boodoo Gilimti waliin yoo morkatu, tapha marsaa jalqabaan Boodoo Gilimti galchii 3 fi 1’n Intermiilaan injifate.
Sa’aatuma walfakkaatuutti Niwuukaasiil – Karaabaag, Leeverkuusaan – Olimpiyaakoos morkiin godhan ni eegama.
Niwuukaasiil tapha marsaa jalqabaan galchii 6 fi 1’n Kaaraabaag injifatee ture.
Leeverkuusaan ammoo galchii 2 fi 0’n Olimpiyaakoos injifate.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.