Fana: At a Speed of Life!

Tarsiimoo qonnaa fayyadamummaa qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa mirkaneesse…

Finfinnee, Bitooteessa 28, 2018 (FMC) – Naannoo Afaaritti jijjiiramaan booda tarsiimoon Qonnaa hojiirra oole fayyadamummaa qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota naannichaa mirkaneesseera jedhan Pireezidaantiin Naannichaa obbo Awwal Aarbaan.

Naannichatti oomishaaleen kana dura hin baratamne eegalamuun bu’aa olaanaa argamsiisaa jiru jedhan Pireezidaanti Awwal Aarbaan.
Pireezidaanti Awwal Aarbaan Godina Awusii Raasuu Aanaa Ayisaa’itaatti hojiilee misoomaa daawwataniiru.

Oomishaalee Qullubbii Diimaa, Barbaree, Timaatimaa fi sosochii misooma beelladaa aanichatti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Hojiileen misoomaa kunneen fayyadamummaa qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa mirkaneessaa jiraachuu ibsan.

Gandoonni kana dura sababa lolaan miidhamaa turan amma hojii misoomaa raajii hojjetaa jiraachuu kaasan.

Gandoota kanneenitti Kilaasterri misooma qonnaa qonnan bultoota kuma1 fi 200 ol hammate wabii nyaataa mirkaneessaa jiraachuu eeran.

Dandeettii oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bultootaa guddisuuf mootummaan deeggarsa barbaachisu hunda kan taasisu ta’uu mirkaneessan.

Ummanni naannichaa diinagdeen akka of danda’u cichoominaan hojjechaa jirra jechuu isaanii Biiroon Kominikeeshinii naannichaa ibseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.