Tatamsa’ina dhibee Busaa ittisuuf saaphanni siree miiliyoonni 13 ni raabsama- Ministeera Fayyaa
Finfinnee, Hagayya 10, 2017( FMC)- Ministeerri Fayyaa bara kana tatamsa’ina dhibee Busaa ittisuuf saaphanni
Siree miiliyoonni 13 ni raabsama jedhe.
Ministeerichatti Hojii Raawwachiistuun To’annoofi Ittisa Dhibeewwanii Dooktar Hiywoot Salmon Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti akka himanitti, kutaaleen biyyattii %75 tatamsa’ina dhibichaaf mijataadha.
Baatii Fulbaanaa hanga dhuma baatii Muddeetti tatamsa’ina dhibee Busaa Olaanaan jiraachuu akka malu eeran.
Waggoottan lameen darban hanga baatii Amajjiitti tatamsa’inni dhibichaa dabalee akka ture yaadachiisuun, hojii qindoominaan hojjetameen hir’achaa dhufuu hubachiisaniiru.
Nannawaa biyyattii Kaaba Lixaa, Kibbaafi Lixa biyyattiitti tatamsa’inni dhibichaa olaanaa ta’uufi tatamsa’ina isaa ittisuuf bara kana saaphana siree miiliyoona 13 raabsuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Hanga ammaatti saaphanni siree miiliyoonni 2 fi kumni 400 fayyadamtootaaf dhiyaachuu, miiliyoonni 3 fi kumni 500 ammoo raabsamaa akka jiru eeran.
Walumaagalatti baatiin Fulbaanaa osoo hin xumuramiin saaphana siree miiliyoonni 6 raabsuuf karoorfamuufi hanga baatii Muddeetti adeemsi bittaa saaphana siree miiliyoona 7 ni xumurama jedhan.
Kana malees bara darbe manneen miiliyoona 2 irratti keemikaalli farra bookee busaa biifamuu yaadachiisuun bara kana manneen dabalataa miiliyoona tokko irratti kan biifamu ta’uu ibsaniiru.
Hawaasni dhibicha ittisuuf gorsa ogeeyyii fayyaarraa kennamu haalaan hojiirra oolchuu akka qabus dhaamaniiru.
Masaafint Iyyaayyuutu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.