Fana: At a Speed of Life!

Tattaaffii malaanmaltummaafi hanna dhabamsiisuuf taasifnuun sirnoota keenya cimsuu itti fufna – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Fulbaana 27, 2018(FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad tattaaffii malaanmaltummaafi hanna dhabamsiisuuf taasifnuun sirnoota keenya cimsuu itti fufna jedhan.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, badhaafamtoonni sagantaa beekamtii kennuu kaffaltoota gibiraa amanamoo 7ffaan baga gammaddan jedhaniiru.

Waggaa darbe gibirri isin walitti buustan pirojektoota biyyaalessaa guddina waloofi faayidaa uummataaf oolanirrra akka oolan waadaa gallee turre jechuunis yaadachiisaniiru.

Jijjiiramoonni kooridarii magaalotaa irratti mul’atan waadaa galamee tureef ragaa ta’uu ibsaniiru.

Tattaaffiin keessan har’aa carraa dhaloota egeree foyyessaa jira jechuunis hubachiisaniiru.

Tattaaffii malaanmaltummaafi hanna dhabamsiisuuf taasifnuun sirnoota keenya cimsuu itti fufna jedhaniiru.

Kaffaltoonni gibiraas namoota gocha akka Kanaa irratti bobba’an deeggaruu dhiisuun tattaaffii malaanmaltummaafi hanna ittisuuf godhamu akka deeggaran hubachiisaniiru.

Waloon biyya badhaatuu iftoominnii fi itti gaafatamummaan keessatti mirkanaa’e haa ijaarru jechuun dhaamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.