Fana: At a Speed of Life!

Teelee Birriin daddabarsi maallaqa Birrii tiiriliyoona 6.88 raawwatame

Finfinnee, Amajjii 21, 2018 (FMC) – Teelee Birriin daddabarsi maallaqa Birrii tiiriliyoona 6.88 raawwate jedhan Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Itiyoo Teeleekoom Fireehiwoot Taammiruun.

Fireehiwoot Taammiruu gabaasa raawwii baatiwwan jahan darbanii dhaabbaticha wayita dhiyeessan akka jedhanitti, Itiyoo Teeleekoom Diijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf hojiilee hedduu hojjechaa jira.

Keessattuu daddabarsa maallaqa diijitaalaa safiisiisuun Teelee Birriin bu’aa qabatamaa galmeessuu dubbataniiru.

Faayinaansii diijitaalaa cimsuun tajaajila ammayyaa safffisaa fi hirmaachisaa ta’e kennuuf hojjetamuu eeraniiru.

Wayita ammaa maamiltonni Teelee Birrii miiliyoona 58 ol qaqqabuu eeruun, baatiiwwan jahan darban qofa maamiltoota miiliyoona 4.69 horachuun danda’amuu himaniiru.

Akkasumas baatiiwwan jahan darban qofa Teelee Birriin daddabarsi maallaqaa Birrii tiiriliyoonni 1.94 raawwatamuu ibsuun, erga tajaajilli Teelee Birrii eegale as daddabarsi maallaqaa Birrii tiiriliyoona 6.88 raawwatamuu ibsaniiru.

Tajaajila liiqii Teelee Birrii maamiltoota miiliyoona 16 ‘f waliin gahuun danda’amuun kaasaniiru.

Malaakuu Gaddifiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.