Tiiboo Koortuwaa Miidhaa Isarra Ga’een Torbeewwan Hedduuf Dirree Irraa Fagaata
Finfinnee, Bitootessa 10, 2018 (FMC) – Karra eegaan Riyaal Maadriid fi lammiin Beeljiyeem Tiiboo Koortuwaa miidhaan akka isa mudate kilabichi beeksiseera.
Tiiboo Koortuwaa miidhaa kanaan wal qabatee torbeewwan 6 hanga 8’f dirree irraa fagaachuu akka danda’u ibsameera.
Kanaanis, karra eegaan ganna 33 kun taphni Liigii Shaampiyoonsii Awurooppaa marsaa kurmaana -xumuraa Riyaal Maadriid Baayer Muuniik waliin taphatu isa darba jedhamee eegama.
Riyaal Maadriid Istaadiyeemii Ittihaaditti Maanchisteer Siitii waliin tapha deebii marsaa 16 taphate keessatti, Tiiboo Koortuwaa daqiiqaa 46ffaa irratti jijjiiramee ba’uun isaa ni yaadatama.
Gareen yaalaa Riyaal Maadriid torbeewwan dhufan keessa haala isaa irra deebi’anii akka madaalan kilabichi beeksiseera.
#Oromia #Ethiopia