Tika madaala uumamaaf falli jiru uumama araarfachuu qofa- MNO
Finfinnee, Waxabajjii 23, 2017 (FMC )- Addunyaa qormaata jijjiirama qilleensaan muddamaa jirtuuf falli biqiltuu dhaabuu; kan dhaabames ofiif jecha kunuunsuun madaala uumamaa tiksuudha jedhe Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa.
Biirichi Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kan ilaalchisuun ibsi baasee akka itti aanutti dhiyaateera.
Ilmi namaa hanguma madaala uumamaa harkuma isaatiin tasgabbii dhorku uumamnis deebisee dachaa miidhamee oliin ilma namaa miidha. Kanaafis dhaloota jaarraa kana keessa jiraachaa jirutu ragaadha.
Tika madaala uumamaaf falli jiru uumama araarfachuu qofaadha. Innis biqiltuu dhaabuufi kan dhabames kunuunsuun bayyanachuun ijaarama.
Humni abjuu guddaan dhaabuun bayyanachuu ijaaru yaadama sagantaa Ashaaraa magariisaa uumamaafi ilma namaa walitti araarsee jiruu ilma namaaf abdii haaraa kennee imala haaraa eegalchiisedha.
Sagantaan yaadama gochaan tumsameefi imala injifannoon guutame kun boqonnaa haaraa milkaa’ina damdaneessaaf banamedha. Yaadama haaraa kanarraas Itoophiyaan naannoon keenyas Oromiyaan fayyadamuu dandeessee jirti.
Madaala uumamaa tiksuu bira darbees wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa agarsiisee carraa hojiis hedduminaan kan uumedha.
Labsii sagantaa Ashaaraa magariisaa waggoota Ja’aan darbe abbaan yaadamichaa Muummichi Mininsteraa Dooktar Abiy Ahimad waamicha xiiqii taasisan hordofee, duudhaafi safuu ganamaa Oromoon qabuunis masakamee tumsa gochaa uummanni keenya agarsiiseen biqilootni biliyoonaan dhaabamanii harkuma dhaabeenis kunuunfamaniiru.
Kanaanis eegumsi biyyoofi bishaanii utubamee mancaatiin ga’es deebi’uun bosonoomee galmi qabames milkaa’inaan gonfameera.
Uummatni keenya qabeenya uumamaa bu’aa battalaaf mancaasee itti fufiinsa jireenyaa gaaffii keessa galchuurra itti fufiinsaan kunuunsee itti fufiinsaan bayyanachuu akka danda’u hubateera.
Kanaafis waloon eegumsa biyyoofi bishaanii gaggeessaa dhuunfaanis biqiltuu dhaabee kunuunsaa jira.
Waggoota Ja’an darbe gumaata harka xiiqii uummata keenyaatiin hojii bu’a qabeessa hojjetameen biqilootni gosa garaa garaa faayidaa hedduu qaban biliyoonni 23 ol dhaabameera.
Dhaabuu qofa osoo hin taane kunuunsuuf xiyyeeffannoon addaa kennamuu isaatiin latiinsi waliigalaa harka 84.5 oliin milkaa’eera.
Lafa tutuqqaa namaafi beeladaa irraa ittisuufi itti fufiinsaan dhaabbii biqilaa gaggeeffame kanaanis uwwisni bosonaa bara 2011 harka 17 irra ture bara 2016 harka 29tti olguddachuu danda’eera.
Sagantaa haaraa kanaan gaarotni duwwaatti hafuun onanii turan gaaddisa uffachuun dachaawwan goganii turanis misuun jiidhinsa argataniiru.
Galmootni damee kanaas karoora qabameen dursanii milkaa’aniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa uummata naannoo keenya Bona Aduu obsee misooma sululaa hojjechaa Ganna biqiltuu dhaabee kunuunsaa injifannoo hunda keenya boqochiiseefi Addunyaa raajefachiise gochaan agarsiiseef galata dhiyeessa.
Iccitiin milkaa’inaas hooggansa tarsima’aa yaadee karoorsu uummata jabaa hojjetee milkeessuu qabaachuu irraa kan maddudha.
Bara 2017 kanas sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin guutummaa Oromiyaatti biqiloota eegumsa biyyoof bishaaniitiif olaniifi faayidaa damdaneessummaa qaban biliyoona 5 ol dhaabuuf qophiin xumurameera.
Harki hunduu Waxabajjii 24 biqilaa dhaabuun irra deebiin Ashaaraasaa kaa’uuf waloofi dhuunfaan qophaa’uun barbaachisaadha.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaan injifannoo argame itichaa imala eegalame gara galma guddichaatti ariifachiisaa bara kana dhaabuudhaan bayyanachuutti ceeneerra.
Dhaabuudhaan bayyanachuun hundaaf waan ta’eef kutaa hawaasa hundaa hanga dhaabbilee mootummaafi dhuunfaatti hojichaaf akka harka diriirsitan mootummaan Naannoo Oromiyaa waamicha dhiyeessa.
Yeroo osoo qabnuu waktii Gannaa kana guyyaa guyyaan ni dhaabna; itti fufiinsaanis ni kunuunsina.
Sagantaa Ashaaraa magariisaatiin abjuun dhugoome bu’uureffamaafi agarsiiftuu bayyanachuu biyyaas ta’aa dhufeera.
Bayyanachuuf ni dhaabna; dhaabaas bayyanachaa itti fufna!
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Waxabajjii 2017
Finfinnee
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.