Tiraampi haleellaa Iraanirratti raawwachuuf daangaa yeroo kennan irra deebiin dheeressan
Finfinnee, Bitootessa 18, 2018(FMC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi haleellaa bu’uuraalee misooma anniisaa Iraanirratti raawwachuuf daangaa yeroo kennan irra deebiin dheeressaniiru.
Pireezidaanti Tiraampi, Iraan ulaa Hormuuz yoo hin banne bu’uuraalee misooma anniisaa isheen haleela jechuun daangaa yeroo kennanii turan irra deebiin dheeressaniiru.
Pireezidaantichi torbee darbe Iraan yeroo sa’aatii 48 hin caalle keessatti Ulaa Hormuuz yoo hin banne bu’uuraalee misooma anniisaa ishee akka haleelaan akeekkachiisanii turan.
Haa ta’uutii Wiixata darbe Iraan walii marii bu’aa qabeessa taasisuu ibsuun, daangaa yeroo kaa’an guyyoota shaniif dheereessuu beeksisuun kan yaadatamuudha.
Iraan gama isheen mariin Ameerikaa waliin eegalte kan hin jirre ta’uu ibsitee turte.
Pireezidaanti Doonaald Tiraampi ammas daangaa yerichaa guyyoota 10’f dheeressuu dubbachuu ‘Reuters’ gabaaseera.
Iraan xaalayaa gama Ministeera Alaa isheen Barreessaa Olaanaa Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareeziif barreessiteen biyyoota duula isheerratti labsanii fi michuuwwan isaaniin ala kanneen biroo ulaa Hormuuz fayyadamuu akka danda’an eeyyamteerti.
Hayilamaariyaamn Taganyiin.
#Oromia #Ethiopia