Tootanhaamiifi Sandarlaand morkattoota isaanii injifatan
Finfinnee, Hagayya 10, 2017(FMC)- Tapha Piriimar Liigii Ingilaand sagantaa torbee jalqabaan Tootanhaamiifi Sandarlaand morkattoota isaanii qabxii walfakkaataa goolii 3 fi 0 injifatan.
Dirree isaarratti Barnileeyin kan keessummeesse Tootanhaam Hootispar gooliiwwan lama Riichaarlisen galcheefi goolii tokko Beernaan Joonsan galcheen qabxii sadii qabachuun injifateera.
Bifuma walfakkaatuun Sandarlaandi gooliiwwan Maayaandaa, Biilaardiifi Isdoor galchaniin Weestihaamiin goolii 3 fi 0 injifateera.
Tapha biraa sa’aatii walfakkaataatti taphatameen Biraayitaniifi Fuulhaam golii 1 fi 1’n qixa bahaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.