Torbeen Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Idil-addunyaa 2ffaan Finfinneetti gaggeeffamuu eegale
Finfinnee, Hagayya 28, 2017(FMC)- Torbeen Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Idil-addunyaa 2ffaan Finfinnee Giddugala Konveenshinii Idil-addunyaa Addisitti gaggeeffamuu eegaleera.
Sagantaa baniinsa waltajjichaarratti Pireezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee, Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yusuuf dabalatee hoggantoonni biyyootaa fi dhaabbilee idil-addunyaa garaagaraa argamaniiru.
Torbeen Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa kun mata duree “ Mariiwwan Gara Hojii fi Bu’aatti jijjiiruu” jedhuun gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u waadaawwan jijjiirama qabeenya qilleensaa gara gochaa qabatamaatti geeddaruu irratti xiyyeeffachuu ibsameera.
Kutannoo siyaasaafi karoorawwan misoomaa biyyootaa gara tarkaanfii qabatamaatti fiduun Yaa’ii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Afrikaa 2ffaaf yaadonni imaammataa kan itti qophaa’an ta’uunis eerameera.
Yaa’ii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Addunyaa (COP-30) Biraazilitti gaggeeffamuuf ajandaa waloo bocuuf ni gargaara jedhamees eegama.
Bifuma walfakkaatuun Yaa’iin Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Afrikaa 2ffaan Qaammee 3-5, 2017’tti bakka hoggantoonni Afrikaa, biyyoota biroofi dhaabbilee idil-addunyaa argamanitti ni gaggeeffama.
Dassaaleny Abarraatu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.