Fana: At a Speed of Life!

Torbeen Tuurizimii Oromiyaa Marsaa 5ffaan gaggeeffamuufi

Finfinnee, Fulbaana 9, 2018(FMC)- Torbeen Tuurizimii Oromiyaa marsaa 5ffaan Fulbaana 20-22, 2018 sagantaa adda addaan dabaalamee jedhe Komishiniin Tuurizimii Oromiyaa.

Itti aanaan Komishinara Komishinii Tuurizimii Oromiyaa obbo Naggaa Wadaajoo ibsa miidiyaaleef kennaniin, Sagantaan kun jala bultii Irreechaatti kan gaggeeffamu ta’uufi qabeenya tuurizimii Oromiyaan qabdu addunyaatti beeksisuuf kan gaggeeffamu ta’uu himan.

Dhaabbilee Idil-addunyaa waliin hariiroo cimaan akka jiraatuuf abbootiin qabeenyaa carraalee jiran fayyadamanii misooma Tuurizimii irratti akka himaatan hawwachuuf kan gargaaru ta’uus ibsaniiru.

Torbee Tuurizimii gaggeeffamu kanaan sagantaaleen qabeenya tuurizimii naannichaa beeksisan, agarsiisni aadaafi artii akkasumas bareedduun Tuurizimii Oromiyaa kan itti filatamtu ta’uun himameera.

Sagantaa kanarratti biyyoonni Afrikaa baayyeen fi dhaabbileen iddoo gahumsa tuurizimii beeksisuun muuxannoo qaban kan hirmaatan ta’uunis eerameera.

Kanneen qabeenya tuurizimii Oromiyaa beeksisaniif badhaasni kan kennamu ta’uus obbo Naggaan ibsaniiru.

Torbeen Tuurizimii gaggeeffamuu kun bu’aa danuu kan of keessaa qabuufi Oromiyaa bakka gahumsa Tuurizimii addunyaa akka taatuuf hojii hojjetamaa jiru galmaan gahuuf kan kaayyeeffate ta’uus hubachiisaniiru.

Baahiluu Baaneetu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.